31/08/2026
🗣️Seenaa Dr Zakir Naik Nama 25 Duratti Waltajjii Nan Taasisa Jedhee Yaadee Hin Beeku”
🕌📖 Haasawa kiyya jalqabuun duratti yeroo hunda aayata Qur'aanaa tokkon fayyadama 🤲
Innis Suuraa Xaahaa, Suuraa 20, Aayata 25 hanga 28 irratti argama:
﴿رَبِّ اشْرَحْ لِي صَدْرِي ٢٥ وَيَسِّرْ لِي أَمْرِي ٢٦ وَاحْلُلْ عُقْدَةً مِنْ لِسَانِي ٢٧ يَفْقَهُوا قَوْلِي ٢٨﴾
🤲 Tun du'aayii Rabbiin Subhaana Wata'aalaa Nabi Muusaa barsiise. Du'aa'iin tun akka Nabi Muusaan (AS) rakkoon maleetti da'waa godhu isa gargaarte.
🗣️ Nabi Muusaan ergama isaa fudhatuun dura nama cabaqu ykn nama loqodu ture. Namoonni natti dhiyaatanii na beekanis akkan an loqodu ykn akkan ani giinga'u ni beekan.
💭 Namni waan barbaade hawwuu ni danda'a. Ani Dr jabaa ta'uu hawwuu nan danda'a, garuu nama 25 duratti haasawa nan taasisa jedhee nama hawwu hin turre.
Sababni isaa ani nan giinga'a. Namoonni maqaan kee eenyu yoo naan jedhan, maqan kiyya za za jedheetin deebisa. 😔 Akka kanan ture.
🤲 Amma garuu karaa Rabbii keessa deemee, waggaa 30 dura ergan gama da'awaatti makamee booda, wanni giinga'uu jedhamu narraa bade.............
❤️🩹 Waytan nama waliin dubbadhu, arrabni kiyya naaf hiikama.
Ani takkaa nama dura dhaabbadheetin haasawa taasisa jedhee yaadee hin beeku. kiyya tokko waltajjii gubbarratti ol ba'ee sodaatee jennaanin bakka isaa bu'uuf jecha waltajjirratti ol bahe. 🎤 Achumaani waltajjirratti hafe.
🎙️ Ammas waltajjii gubbaan jira. Ani namoota kuma dhibbaa fii namoota miliyoonaan lakkaawamaniif da'waa godhuu nan danda'a.
🤲 Alhamdulillah! Namoota miliyoona tahan dura dhaabbadhee qajeela da'awaa godheetin jira.
📖 Gama aayata Qur’aanaa san haa deebinuu.
Muusaan (AS) Fir'ownaa fii ummata isaatti dhaamsa akka geessuuf ajajame. Muusaan (as) yeroo san du'aayii godhe, du'aayin sunis du'aayii Suuraa Xaahaa, Suuraa 20ffaa, Aayata 25 hanga 28 irratti argamtu:
﴿رَبِّ اشْرَحْ لِي صَدْرِي ٢٥ وَيَسِّرْ لِي أَمْرِي ٢٦ وَاحْلُلْ عُقْدَةً مِنْ لِسَانِي ٢٧ يَفْقَهُوا قَوْلِي ٢٨﴾
🤲 Yaa Rabbii kiyya qoma tiyya naaf ballisi.
🤲 Waanin hojjatuuf deemu naaf laaffisi.
🤲 Akka warri itti na ergite dubbii tiyya beekuuf cabaqa arraba kiyya irra jiru narraa deemsisi.
Sababni isaa Muusaan (AS) ni cabaqa, anis nan cabaqa. Akka warri itti na ergite dubbii tiyya beekuuf cabaqa arraba kiyyarra jiru narraa deemsisi jedheetin kadhadha.
🤲 Kanaafuu waytan waltajjitti bahu Rabbiin akka qoma tiyya naaf ballisu, akka dalagaa tiyya naaf laaffisu, haasawa kiyya akka naaf hubataniif jecha cabaqa arraba kiyyaa akka Rabbiin narraa deemsisu nan kadhadha.
📖 Du'aayiin ani waa itti gargaaramaa ture ishii tana.....
❓ Namoonni hedduun waan kana irratti irra deddeebiin na gaafatan: “Akkamitti akkasitti waa sammutti qabatta? Maqoon isaa maali?” jedhanii na gaafatan.
💻 “Meeshaa of keessaa qabdaa? Iccitiin isaa maali?” naan jedhan.
🔐 Iccitiin isaa Qur’aana keessatti ibsamee jira.
🎓 Sagantaa leenjii da'awaa barattoota kiyyaaf kennuu irratti wanni sadi barbaachisaa akka tahe dubbadheetin ture.
1️⃣ 🤲 RABBITTI IRKACHUU
Inni duraa Qur'aanaa Suuraa Al-Imraan, Suuraa sadaffaa, Aayata 160:
﴿إِن يَنصُرْكُمُ اللَّهُ فَلَا غَالِبَ لَكُمْ ۖ وَإِن يَخْذُلْكُمْ فَمَن ذَا الَّذِي يَنصُرُكُم مِّن بَعْدِهِ ۗ وَعَلَى اللَّهِ فَلْيَتَوَكَّلِ الْمُؤْمِنُونَ﴾
📖 Irratti yoo Rabbiin isin gargaare namni isin moo'atu hin jiru. Yoo Rabbiin isin hin gargaarin eeyyu namni Rabbii achitti isiniif dirmatee isin gargaaru? Warri amane Rabbitti haa irkatuu jedha.
🤲 Inni duraa Rabbitti irkatuudha.
2️⃣ 📖 WARRA QABSOO GODHE.
Inni lammaffaa immoo Qur'aana, Suuraa Al-Ankabuut, Suuraa 29ffaa, Aayata 69ffaa:
﴿وَالَّذِينَ جَاهَدُوا فِينَا لَنَهْدِيَنَّهُمْ سُبُلَنَا ۚ وَإِنَّ اللَّهَ لَمَعَ الْمُحْسِنِينَ﴾
📖 Irratti warra nuuf jecha qabsoo godhe karaa nu biraan isaan gahu isaaniif laaffifna. Rabbiin warra dalagaa tolche waliin jira jedha.
💪 Inni lammaffaan: carraaqqii fi qabsoodha.
3️⃣ 🧠 WARRA BEEKUMSA QABAN GAAFACHUU
Inni sadaffaan Rabbiin Suuraa Al-Anbiyaa, Suuraa 21 Aayata 7ffaa irratti, akkasuma Suuraa An-Nahl, Suuraa 16ffaa Aayata 43 irratti:
📖 Waan ofii hin beekne warra beekumsa qabu gaafadhaa jedha.
🎓 Barattoonni kiyya hedduun waa'ee waa haffazuu fii yaadatuu irratti MBA qaban. Waa'ee tranigl teknik beekuu keessan ani hin beeku. Isaan waa'ee akkasii irratti jajjaboodha.
🧠 Waa'ee teknika waa haffazuu qabaachuun hedduu dirqamaa miti.
⏳ Nuti leenjii da'waa guyyaa afurtama qabna. Namoota ni leenjifna.
✨ Namoota hedduu ajaa'iba itti taha. Barattoonni kiyya hedduun, Alhamdulillah, Suuraa fii Aayata lakkoofsa waliin himan. 📖👏
🌍 Barattoota addunyaa gara garaa irraa walitti qabnee waa'ee da'awaa irratti leenjii kenninaaf.
🗣️ Akkamitti akka da'awaa godhan.
❓ Akkamitti gaafii fii deebii akka itti kennan irratti isaan leenjifna.
💪 Leenjii cinatti carraaqqatuun dirqama waan ta'eef.
🤲 Rabbiin hojii da'awaa keenya hunda haa qeebalu.
🙋 Arraaf asumarratti dhaabna seenaan dr zakir akka itti fufu warri barbaaddan yoo jiraatee Comment irratti na beeksisaa.
✍️ Hiikaan Record