24/07/2025
Har'a immoo taatee ajaa'ibaa tokko isiniif qooda. Addunyaa kana irratti hanga ammaa taateen akkanaa tokko qofatu galmaa'e. Taateen kun waan nama barsiisuus qaba. Haa ta'u malee, taatee kana as gubbaatti kan isiniif maxxansineef ajaa'iba taatewwan tokko tokkoo isiniif qoodufi. Adaraa keessan wanta akkanaa tasuma akka hin yaalle!!
Mucaa umriin isaa waggaa 19, maqaan isaa George jedhamu tokkotu ture. Mucaan kun dhukkuba xiinsammuu 'OCD' jedhamuun qabama. Dhukkuba sammuu wanta hin barbaachisne irra deddeebi'anii yaaduu fi irra deddeebi'anii gochuu. Fakkeenyaaf, ammaa amma harka dhiqachuu, ammaa amma Shaaworii seenuu, ammaa amma galgala galgala balbala akka cufan 'check' gochuu fi kkf. Dabalataan, dhiphina hamaas qaba ture. Sababa kanaaf barumsa irraas, hojii irraas ni ari'ame. Yeroo kana abdii muratee of ajjeessuuf shugguxiidhaan sammuutti of dhukaasa. Gaafa kana maatiin dhaga'ee dafanii mana yaalaa geessan. Yaalli baqaqsanii yaaluu sammuu rasaasa kana keessa baasuuf godhame. Rasaasa hunda keessaa baasuun hin danda'amne ture. Haa ta'u malee, yaalichi milkaa'aa ture. Innis fayyee gara mana isaatti gale. Dhukkubni sammuu sunis ni dhiise. Mana barumsaatti deebi'ee qabxii olaanaas fide. Kolleejjiis galee baay'ee milkaa'e. Hojii isaattis akkasuma. Namichi gaafa rasaasaan of rukutu kutaa sammuu dhukkuba sammuu isaatiif sababa ta'e rukutee fayyise fakkaata. Wanti lafa kana irratti ta'u marti raajiidha. Taateen mucaa kanaas raajii tokko ta'ee darbe.
New York Times