06/07/2021
السَّـــــــــلاَم عَلَيــْـــــــكُم وَرَحْمَــــــــــةُاللهِ وَبَرَكـَـــــــــاتُه❣
Yāā ūmmāātā ñābii mūhāmmād《ﷺ》🔷 warra guyyaa qiyaamaa Shafa’aa Rāsūūlā Ŕābbii ۞ﷺ۞ argatu nu haa taasisu! gochuun obbollewwaan kessaan Keeyritii shaarakaa gorsaa &,,Dawaa babalisaa. Jzkl 👈
⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊰✯﷽✯⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊱
🕳Rabbiin Qur’aana keessatti maqaalee fi sifaata Isaa wanta biraa caalaa baay’isee
dubbate Shēekhūl Išłãām Ibñū Tāymiyāāñ (Rahimahullahu) ni jedha:
⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊰✯✯⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊱
🕳Qur’aanni waa’ee wanta Jannata keessatti nyaatamu, dhugamu fi nikaah dubbachuu caalaa waa’ee maqaalee, sifaataa fi hojiwwan Rabbii baay’isee dubbata.
⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊰✯✯⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊱
🕳Aayatonni maqaalee Rabbii fi sifaata Isaa of keessaa qaban gatiin isaanii aayatoota waa’ee Aakhirah dubbatan caala. Qur’aana kessatti aayanni hundarra guddoon Aayata Al-Kursiyyih dha. [Sababni isaas, Aayat al-Kursiyyin maqaalee fi sifaata Rabbii of keessatti qabatte.]
⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊰✯✯⊰:::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::::⊱
🕳Hādiišā Sāhiih tā'ē Kāñ Mūšłim gābāāšēē Kēēššāitti Ērgāmāāñ Rābbii۞ﷺ۞Ubayy ibn Ka’abin akkana jedhan: “Kitaaba Rabbii keessatti aayan hundarra guddoo taate tamiin akka taatee beektaa?” Ubayyis ni jedhe, “Allahu laa ilaah illaa huwa-l-hayyu-l-qayyuum. (Sūūrātū Al-Baqarah 2:255) Ergasii
⊰
🕳Ērgāmāāñ Rābbii۞ﷺ۞ harka isaanitiin laphee isaa keessa rukutuun “Beekums sitti haa mi’aawu yaa Abbaa Munzir.” Jedhan.” (Sāhiih Mūšłim 810 )(Aayan Sūūrātū Al-Baqarah) lakkoofsa 255 irratti argamtu tuni Aayatu Al-Kursiyyi dha.Maqaalee fi sifaata Rabbii waan of keessaa qabduuf aayatota Qur’aana hunda caalti.)